Fana: At a Speed of Life!

Gootota darbaniif kabajaa laachaa, kaayyoo isaanii ni milkeessina-Pir. Shimallis Abdiisaan

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)-Gootota darbaniif kabajaa laachaa, kaayyoo isaanii ni milkeessina jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis sirna Awwaachaa Artisti Zarihuun Wadaajoo ilaalchisuun gama amiidiyaa haewaasummaa isaaniin akka jedhanitti, goota keenya kabaja gootan kan awwaallanne wareegama Goototni Oromoo Waahillan isaa fi Angafoonni isaa waggootaaf kaffalanii injifannoo fidaniinidha.

Oromoon baroota sirna gita bittaa fiJijjirama dura gaafa lubbuun jiru qofa osoo hin taane, gaafa du’es kabaja namoomaa dhabee ture.

Kanaaf gootota keenya akka hin malletti du’anii awwaalcha dhaban kumaatama fakkeenya kaasuun ni danda’ama. yeroo dhihoo asitti garuu, galanni gootota jijjiirama kana fiduuf wareegamaniif haa ta’uu, goototaafi hayyoota keenya kabajaan awwaalachuu dandeenyee jirra jedhan

Adeemsa uumamaa waan ta’eef goonni ni dhalataa, ni du’a kan jedhan Pireezidaanti Shimallis.

Gaheen dhalootaa goota darbeef boo’aa jiraachuu qofa osoo hin taane, goota du’e kabajaan gaggeessee, goota haaraa baasurratti hojjachuudha.

Akka hoggansa dhaloota har’aatti gootota keenya wareegama kaffalanii sadarkaa kanaan nu gahanitti kabajaa gochuuf carraa argachuu keenyatti baay’een gammada jedhan.

Gootota kaayyoo sabaaf of kennanii umrii guutuu qabsaa’aa turan keessaa tokko kan ta’e Aartiist Zarihun Wadaajoof guyyaa har’aa sirna awwaalchaa gootaaf malu raawwachuu ibsan.

Artist Zarihun bara jireenyaa isaa mataa isaaf jiraatee hin beeku. Yeroo haalli akka har’aa hin mijannetti jaalala uummata isaaf qabu irraa ka’uun nama aarsaa guddaa kaffaluun ummata tajaajilaa ture ya’uu yaadachiisan.

Du’aan addunyaa kanarraa boqochuun artistii keenya gameessa Zarihun Wadaajoo kan gaddaan onnee nama cabsu ta’us, hojii bara baraan dhalootaaf darbu hojjete waan darbeef, hojiifi maqaan isaa bara baraan yaadatamaa akka jiraatu eeran.

Gootota darbaniif kabajaa laachaa, kaayyoo isaanii ni milkeessina.

Gootota bara keenyaa baafnee, gootummaa dhaloota ni dhaalchifna jechuun himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.