Fana: At a Speed of Life!

Aanaalee ollaa Naannolee Oromiyaa fi Benishangul Gumuz sochiilee seeraan alaa ittisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Aanaalee ollaa Naannolee Oromiyaa fi Benishangul Gumuz waldaangessanitti sochii seeraan alaa ittisuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhame.

Hojiileen nageenyaa fi misoomaa Waajjira Qindeessaa Nageenyaa fi Misooma Waliinii Mootummaa Naannolee Oromiyaa, Benshaangul Gumuzii fi Gaambeellaa Magaalaa Bambaasitti qoratameera.

Qaamoleen nageenyaa Hawaasa hirmaachisuun qindoominaan hojiilee hojjetaniin nageenyi daangaa ollaa Aanaalee naannolee lamaanitti mirkanaa’aa jiraachuun ibsameera.

Humnoonni hidhatanii socho’an hawaasa walitti buusuun buqqa’iinsa ture akkataa duudhaa uummataan araarri raawwatamee hawaasni gara qe’eesaanitti deebi’aa jiraachuu fi hawaasni sochii idileetti deebi’eera jedhame.

Bu’uuraalee misoomaa manca’anis deebisanii ijaaruuf hojjetamaa jiraachuun waltajjicharratti ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qindeessaa Nageenyaa fi Misooma Waliinii Mootummaa Naannolee Oromiyaa, Beenshaangul Gumuzii fi Gaambeellaa Obbo Firoomsaa Solomoon, uummanni naannolee lamaanii uummata daandii walitti cufu osoo hin taane riqicha ta’ee walceesisu qaba jedhan.

Rakkoon nageenyaan uummata kan miidhu waan ta’eef, uummanni fi hoggansi sadarkaan jiru hojii misoomaa fi nageenya irratti qindoominaan hojjechuu akka qabu dhaamuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.