Mariin biyyaalessaa ce’umsa haqaa magaaloota naannoleetti gaggeeffamuu eegale
Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Mariin biyyaalessaa ce’umsa haqaa sadarkaa naannoleetti Eeblaa hanga Hagayyaatti magaaloota 58 keessatti kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Haqaa beeksiseera.
Miidhaalee bal’aa, walxaxaa, hedduu, qormaatilee fi walitti bu’iinsoota biyyattiitti mudataa turerraa ka’uun akkaataa guutummaatti murtoon haqaa itti laatamuu danda’u diriirsuu fi hawaasa haala dura turetti deebisuun nageenya waaraa, araaraa fi olaantummaa seeraa mirkaneessuun murteessaa ta’uu eerameera.
Mootummaan Ityoophiyaas sirna ce’umsa haqaa hojiirra oolchuun nageenya, Diimookiraasii fi guddina biyyaaf qooda olaanaa qabaachuu hubachuun adeemsicha karaa guutuu fi qindoomina qabaan hojiitti hiikuuf hojiilee dandeessisan hojjechaa jiraachuu himameera.
Hojii wixinee Imaammata ce’umsa haqaa qopheessuu eegaluuf sanadni ka’umsa filannoowwan Imaammata ce’umsa haqaaf oolan garee ogeeyyii Ministeera Haqaa olaanoon gurmaa’uu ministeerrichi ibseera.
Yaada filannoo ogeeyyiin kunneen dhiyeessanirratti marii bal’aan taasiifamuu Ministeerri haqaa ibsa isaaniin eereera.
Sanadicha gabbisuuf hojiin yaada galteewwan walitti qabuu raawwatamuus ibseera.
Torbeewwan lamaan dhufanitti waltajjiin marii ce’umsa Haqaa magaaloota Oromiyaa 15 keessatti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.