Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’ina marii Nageenyaafi Araaraaf qaamni hundi gahee isaa bahuu qaba! – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC) – Milkaa’ina marii Nageenyaafi Araaraaf qaamni hundi gahee isaa bahuu akka qabu Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan waamicha dhiyeessan.

Mariin Araaraa gaggeeffamuuf jiru firii gaarii akka qabaatuufi hawaasni akka boqatuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fedhii guddaa qabaachuu eeraniru.

Milkaa’ina marii nagaa kanaaf qaamni hundumtuu faayidaa hawaasa bal’aatif dursa kennuun Itti gaafatamummaa dachaa qabu akka qabu dhaamaniiru.

Hawaasni Naannoo Oromiyaa, Oromoon biyya Keessaa fi biyya Alaa, Ummanni Obbolaa hundi, namni dhuunfaa fi dhaabbileen kamuu milkaa’inaa marii kanaatif qooda isaa akka bahu waamicha dhiheessaniiru!

Waamicha fi tattaaffii walitti fufiinsaan Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Naannoo keenyatti wal waraansi fi wal ajjeessuun dhaabbatee, Rakkoon siyaasaa jiru Mariin akka furamuuf taasisaa ture deeggaruufi cimsuun, Oromiyaatti nagaa waaraa buusuuf boqonnaa nageenyaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ifatti bananiif guddiseen isaan galateeffadha!jedhan.

Nagaan hunda dursa!Waraanni haa dhaabatu, nageenya haa waaressinu!jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.