Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan dhaabbileen barnootaa hojii akka dhaaban ajeja dabarsite

Finfinnee, Bitootessa 6, 2012 (FBC) – Keeniyaatti namoonni lama dabalataan vaayrasii koroonaan qabamuu preezdaantiin biyyattii ifoomsaniiru.
 
Sababa kanaan Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaatan dhaabbileen barnootaa biyyattii hojii baruu fi barsisuu akka dhaaban ajeja dabarsaniiru jedhame.
 
Keeniyaan lammiileen biyyoota dhukkubni kun itti muul’atee dhufan gara biyyattii akka hin seenne dhorkitee jirti.
Biyyattiitti Jimaata darbe namni tokko vaayrasichaan qabamuun kan yaadatamuudha.
 
Maddi :-BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.