Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa Siidaa fi Paarkii maqaa Jeneraala Sa’aaree Makonniin ijaarsiise eebbisiise

Finfinnee, Eebla 14, 2015 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Siidaa fi Paarkii maqaa Itaamaajoorii Humna Waraanaa Waliigalaa duraanii Jeneraala Sa’aaree Makonniin naannawaa Riqicha Boolee Ruwaandaatti hojjechiise eebbisiiseera.

Sirna eebbicharratti Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay, Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, maatiin Jeneraalichaa, Qondaaltoonni Raayyaa Ittisaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru jedhame.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lafa Ijaarsa Siidichaaf oolu laachurraa eegalee ijaarsa siidichaaf gumaacha olaanaa taasiisuu ibsameera.

Jeneraal Sa’aareen goota biyya dursuun wareegaman ta’uu Aadde Adaanach sirnicharratti haasawaa taasiisaniin ibsaniiru.

Seenaan isaanii dhalootaaf Barumsa ta’uun itti fufa jedhan.

Godaannisni seenaa gurraachaa dirree haqaatti akka waamamu tokkummaa waloo cimsuu qabna jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay.

Itaamaajooriin Humna Waraanaa waliigalaa Jeneraal Sa’aaree Makonniin ‘Raayyaan Ittisaa biyya malee saba hinqabu’ jecha jedhuun beekkamaa turan.

Barakat Takkaalinyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.