Fana: At a Speed of Life!

Jilli Bulchiinsa Yeroo Tigraay Kantiibaa Magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Jilli Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adanech Abebee fi qondaaltota magaalattii waliin mari’ateera.

Maricharratti bulchiinsi magaalichaa naannichatti bu’uuraalee misoomaa gama fayyaa, barnootaa fi kanneen biroo diriirsuuf bulchiinsi magaalichaa akka deeggarsa taasisuuf kan kaayyeefate ta’uun ibsameera.

Kna malees walitti dhufeenya fi walamantaa uumuu fi hojiilee magaalattiitti hojjetamaan jiran irraa muuxannoo qooddachuun naannichatti tajaajila fooyya’aa kennuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Marii kana irrattis bu’uuraaleen misoomaa fi dhaabbileen hedduun yeroo waraana barbadaa’uu kan eerame yoo ta’u, bu’uuraalee misoomaa garaagaraa deeggaruuf tattaaffii taasifamuuf magaalattiin deeggarsa barbaachisa akka taasiftu gaafatameera.

Kantiibaan magaalattii Aadde Adaanech, bulchiinsi magaalattii hawaasa qindeessuun dhimmoota dursi kennamuuf adda baasuun deeggarsa meeshaa, ogummaa fi maallaqaa akka kennu waadaa galaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.