Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahmad ergaa baga geessanii Ayyaana Iid Alfaxiir dabarsan

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ayyaana Iid Alfaxiir sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Baga Ayyaana Iid Alfaxir geessan!

Ayyaana Iid al-Fxir baranaa wayita kabajnu waa’ee nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa yaaduu qabna.

Abbootiin Amantaa Islaamaa barbaachisummaa solaata iidaa juma’aa wayiitaa barsiisan barumsa iimaana “Allaan (SWA) warra walitti qabaman gidduutti argama” barsiisnii jedhuu kan eeramuudha.

Qiinxeen sgaduu caalaa gamtaan sagasuun miindaa argamsisuutti dabalataan miira obbolummaas ni jabeessa; seexan diinas ulaa seensaa dhorkata.

Kanarraa kan ka’e hawaasni muslimaa yeroo sagaduu walitti qabamuun gamtaan sagaduu filata.

Tokkummaa fi gamtaan dhaabbachuun fayyaduu kadhannaa kan qofaaf miti.

Qormaata akka biyyaatti mudatu irra aanuuf tokkummaan dhaabbachuun barbaachisaadha.

Keessattuu yeroo kanatti nu’I Ityoophiyaanota yeroo kamuu caalaa yeroo tokkummaan dhaabbachuu qabnu keessa jirra.

Biyyi keenya ce’umsa keessa jirti.

Hiyyummaa keessaa gara badhaadhinatti ce’uuf gufuulee jajjaboo jiranirratti hanga du’aaf jireenyaatti qabsaa’aa jirti.

Lola kana injifachuuf nuti ijoolleen ishee qaawwaa dadhabina keenya cuqqaaluu fi rakkoolee keenya ol ta’uuf waliigallee waloo dhaabbachuu qabna.

Gara olka’iinsatti bahuu kan dandeenyu walharkisuun utuu hintaane waldeeggaruun, walfalmiin osoo hin taane tasgabbiidhaan mari’achuudhaani.

Nuti ummanni bara Nabiyyii keessa turree har’a golgaa duubatti hafummaa uffachuun keenya nama gaddisiisa.

Firootaa fi hordoftoota Nabiyyuuf da’oo fi gaachana ummatoonni turree har’a obolootaa fi obboleettotaa keenyaa ganda keenya keessaa baasuuf harka keenya yeroo ol kaafnu nama hingammachiisu; waa’een haqummaa fi dhugummaan keenyaa utuu ragaan nuuf bahamee jiruu, arraba keenya cabsaaf dheerachuun, gurri keenya ololaaf banamuun walnut taajjabsiisa.

Amalli badaan akkasii nu hinfayyadu waan ta’eef har’uma kutnee haa gannu; gara olka’iinsa keenyatti kan nu deebisan amaloota gaarii uffachuuf amma irraa eegallee tattaafachuu haa jalqabnu.

Baatiin Ramadaanaa ji’a nagaa, araarri fi eebbi uumaa itti barbaadamu ta’uu barumsi amantaa ni ibsa.

Ummanni Musliimaa rizqii baatii soomanaa fi barakaa baatichaa keessatti argate guyyaa iidaa irraa kaasee hanga ji’a Ramadaanaa itti aanuutti jireenya isaa guyyuu keessatti hojiirraa oolchaa tura jedhamee amanama.

Nageenyi, araara fi eebbi imala jireenya ilma namaa keessatti wantoota baay’ee barbaachisoodha.

Nagaan jireenya mi’eessa; Gara laafinni hariiroo ni cimsa; Eebbi immoo hanqina jireenyaa guuta.

Garuu kun akka ta’uuf hunda caalaa onneen ayyaana sadan simachuuf qophaa’e barbaachisa.

Nagaan namoota nagaaf qophaa’aniif qofaa osoo hintaane, namoota nagaaf gatii kaffalan barbaada.

Lolli illee nageenyaf kan taasifamuu fi tuqata walitti bu’iinsaaf jedhamee bakka lamatti qoodama.

Kaayyoon waraana nagaaf taasifamuu gufuulee nageenyaa buqqisuu fi nageenyi akka biqiluuf lafa qopheessuudha.

Waraanni tuqtaa walitti bu’iinsaaf taasifamu garuu caalmaan lolaa fi waldhabdee kan babakl’isuudha.

Nagaan xumura waraanaa ykn jiraachuu dhabuu qofa miti.

Nagaan Waraanarraa deebi’uun ta’uun dhimmoonni garaagraa boora’uu danda’u; Nagaan kan fedhee fi kanneen biroo waliin waliigalteen jiraachuu fi uumaa wajjin araaramuun jiraachuu gaafata.

Dhimmootaa sadan kunneen yoo hin guutamne nagaan mirkanaa’ee hinturu.

Ji’i Ramadaanaa fi ayyaanni Iid Alfxiir utubaawwan nagaa sadeen kanneen nuuf fida.

Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti qabsoo fi carraaqqiin keenya sadan kana galmaan ga’uuf dandeettii akka qabu mirkaneeffachuu qabna.

Nageenyi waraana caalaa goota barbaachis kan jennuuf sababa malee miti.

Lolli tokko isa kaan injifachuun xumurama. nagaan an mirkanaa’u garuu olaantummaa ofirratti qabaannuuni.

Gara laafinnni ilmi namaa walii isaaf qofa osoo hintaane uumama waliinis waldanda’ee akka jiraatu kan taasisuudha.

Gara laafinni ofitti hir’isuun kanneen biroof kennuu gaafata.

Gara laafinni kanneen biroof garaa laafuu, oo’uu fi yaadda’uudha. Ilmaan namaa gammachuu fi gidiraa addunyaa madaaluun hirmaachuu, hanqina jiru guutuu fi dadhabina cimsuun jiraachuu kan danda’u, yeroo gara laafinni addunyaa kana irratti mo’atu qofa.

Bakka gara laafinni hinjirree gara jabummaa fi ofittummaatu buufata. Hanni, weenna’uun, jibbiinsi, waldhabdee fi waraanni, aramaa dhabamuu gara laafanati.

Eebbi hambaa kanneen lameeniiti.

Namoota nagaaf, maallaqni gara laafummaa isaanii eebba.

Eebbi garuu qophaa’ummaa namootaa barbaaddi. Harka hojjatu, onnee walitti araarsu, harkoota qabsaa’an, jilba dafqu, sammuu yaadda’u, miila tattaafatu, quboota falaffalan, ijoota sakatta’an, gurra dhaggeeffatu barbaada.

Yoo lafa hinqopheessine roobni maal fayyada?
Jallisii yoo hinoomishne, hidha ijaarree humna elektirikii yoo hinmaddisiisne hiikni bishaanii badhaadhoo ta’uu keenyaa maali?

Qorannoo lafti yoo albuuda hin baasne maal goodha?

Oomisha qonnaa fi industiriitiin yoo biyyaa irraa hafaa hintaasifne ummata miliyoona 120 qabaachuun maal fayyada?
Oomisha dorgomaa fi filatamaa ta’e oomishnee gurguruu baannaan Gaanfa Afrikaa keessa jiraachuun maal fayyada?

Misoomsinee tuurizimiidhaaf yoo hin oolchine, hambaa, seenaa, aadaa fi teessuma lafaa faarsuurra darbee maal fayyada?

Eebbi Uumaa harka hojjataa barbaaddi.

Zeerootti dabalamtee hin beeku.

Kanneen hojii hinjaallanne waliin taatee hinbeektu.

Uumaan qabeenya samii, lafaa, dachii nu badhaaseera. Laggeen kallattii afran biyyattiin yaa’an akka sabbataatti nu hidhachiiseera.

Akaakuu Qabeenya qilleensaa afranuu nuuf kenneera. Albuudaan guuteera. Akkaakuu biqilootaa fi kuduraaleen nu faayeera.

Egaa kan hafe yoo jiraate waldanda’uun jiraachuu qofa.
Kaleessarra boruu, kan darbe caalaa har’a abdii qabatanii ka’uudha. Badhaasa Uumaatti akka hinfayyadamneef, qormaata nu mudatan mo’achuuf kutannoon ka’uu qabna.

Qormaanni keenya kan mo’aman yoo dandeettii keenya beeknee of to’annedha.

Kanaafis dandeettii fi muuxannoo soomni nuuf kenne fayyadamuu dandeenya.

Aduun baatee hanga aduun lixxutti soomuun bu’aa of to’achuuti.

Bu’aa kaayyoof jecha wantoota nama hawwataniifi nama qoran diduu; Bu’aa miira mo’achuu.

Innis, karaa nu geessu osoo hin taane karaa barbaanne deemuuf murteessuu danda’uudha.

Dandeettii kanas gara badhaadhinatti ce’uuf galtee olaanaa tasisuun fayyadamuu dandeenya.

Nuti biyya qabna. Biyyi keenya namoota akka qabaattu haa taasifnu.

Warra itti gaafatamummaa hin fudhanne, kan eessa akka jiran hin beekamne, kan gaafa buddeenni tolchuu hin jirre, garuu yeroo buddeenni nyaatamu hundaa dhiibanii harka isaanii diriirsan, kan fayyummaa keenya caalaa madaa keenyarraa bu’aa argatan, kanneen fira dhiisanii diina uumuuf hiriiranin hin hogganamnu.

Isaan kaayyoon isaanii, nagaa, gara laafummaa fi eebba biyya keenya irraa balleessuudha.

Biyya keenya kan jabeessu nagaa, araara fi eebbadha.

Nagaan jiraachuu ishee mirkaneessa. Gara laafinaan, waldanda’uu fi waliigalteen akka jiraatan taasisa.

Nageenyaaf, gara laafummaaf, eebbaaf qofa harkaa keenya akka diriirsinu laphee keenya akka bannu imaanaa jechaa, irraa deebiin ayyaanni Iid Alfaxii ayyaana gaarii akka ta’uu hawwa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.