Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa Ityoophiyaan Diinagdeen biyyoota Afrikaarraa sadarkaa 5ffaa qabachuu ibse
Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC) – Qabeenyi Diinagdee waliigalaa Ityoophiyaa biyyoota Afrikaarraa sadarkaa 5ffaa qabachuu Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa gabaasa isaan ifoomseera.
Akka gabaasa dhaabbatichaa Bara Faranjootaa 2023tti qabeenyi Diinagdeee Waliigalaa Ityoophiyaa Afrikaarraa sadarkaa 5ffaarratti argama.
Addunyaarraa ammoo sadarkaa 59ffaa qabachuu eereera.
Oomishni waliigalaa biyya keessaa (GDP) Ityoophiyaa Doolaara biiliyoona 156.08 ga’uu gabaasichi ibseera.
Tarsiimoon diinagdee mootummaan waggoottan shanan darban hojiirra oolchaa ture waraanaafi qormaata adda addaa damdamachuu dinagdee guddaa Afrikaa ta’uu danda’uu isaa eereera.