Fana: At a Speed of Life!

Badhaadhinni waadaa gale gochaan mirkaneessuuf qormaatilee gara carraatti jijjiiruun mallattoo isaa ta’uu mirkaneessaa jira – Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC) – Badhaadhinni waadaa gale gochaan mirkaneessuuf qormaatilee gara carraatti jijjiiruun mallattoo isaa ta’uu mirkaneessaa jiraachuu Itti Aanaa Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin ibsan.

Obbo Adam Faaraahiin,Paartiin Badhaadhinaa filannoon booda bu’aawwan galmeesse ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Galmoota waggaa 10 paartichaa keessaa Ityoophiyaa biyyoota Afrikaa damee Diinagdeen cimoo jedhaman 5 keessa tokko taasisuun ta’uu ergaa isaaniin eeraniiru.

Galmichis waggaa lama osoo hin guutiin milkaa’uu himaniiru.

Karoorri Qamadii alatti erguus milkaa’uu ibsaniiru.

Milkaa’ina olaanaa tattaaffii waloon galmeessine waan ta’eef baga gammaddan jedhaniiru.

Badhaadhinni waadaa gale gochaan mirkaneessuuf qormaatilee gara carraatti jijjiiruun mallattoo isaa ta’uu mirkaneessaa jiraachuu eeruun, ammas itti fufiinsaan kan mirkaneessu ta’uu dubbataniiru.

Diinagdee biyyaa caalmaatti cimsuuf, kallattii yaa’ichi kaa’e biroos milkaa’inaan raawwachuuf karoora waggoota 10 kaa’ame milkeessuuf ciminaan hojechuun murteessaa ta’uu ergaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.