Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa gatii hammeessuuf oomishni ashaboo kara seeraan alaa kuufame to’atamuu poolisiin beeksise

Finfinnee, Eebla 10 ,2015 9FBC)- Qaala’iinsa gatii hammeessuuf oomishni ashaboo hedduun kara seeraan alaa kuufame to’atamuu gareen qorannoo poolisii beeksise.

Shakkamaan obbo Taaddalaa Abbabaawu jedhaman oomisha ashaboorratti qaala’iinsa gatii uumuuf man-kuusaawwan magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Aqaqii Qaallittii aanaa 7 bakka Gabreel jedhamuun beekamu, kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 12 naannoo Hayilee Gaarmeent akkasumas magaalaa Shaggar Kutaa magaalaa Galaan Guddaa aanaa 3tti argaman keessatti karaa seeraan alaa kuusuun to’atamuu eerameera.

Eeruu uummatarraa kenname ka’umsa godhachuun Poolisiin Federaalaafi Komishiniin Gumruukaa Ityoophiyaa oppireeshinii qindaa’aa gaggeessaniin kuusaan oomishaa ashaboo hedduun to’atamuu eerameera.

Oomishni ashaboo seeraan ala kuufame kun ta’e jedhamee qaala’iinsa gatii ashaboo uumuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuufi ragaaleen gibira waliin dhahuu waliin walqabatan dhiyaachuus ibsameera.

Oomishaafi kuusaan ashaboo kun haala fayyaa fayyadamtootaa miidhuu danda’uun qophaa’uu Poolisiin federaalaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiif ergeen eereera.

Adeemsa ashaboo kana qopheessuufi kuusuu keessatti hoggantoonnii mootummaafi ogeeyyiin faayidaan walitti hidhatan jiraachuu ragaan dhiyaate kan mul’isu ta’uu ibsameera.

Shakkamtoota dhimmichaa waliin hariiroo qaban qorannoon taasifamu itti fufuu gareen qorannichaa beeksiseera.

Bu’aan qorannichaa gara fuula duraatti uummataa kan ifoomu ta’uufi hawaasni dhimmoota akka kanaarratti tumsa baratame akka taasisu poolisiin gaafateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.