Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaan hoggantoonni biyyoota garaagaraa Ityoophiyaatti taasiisan boqonnaa Dippiloomaasii haaratti ce’uu mul’isa jedhame

Finfinnee, Eebla 10, 2015 (FBC) – Daawwannaan hoggantoonni biyyoota garaagaraa Ityoophiyaatti taasiisan biyyattiin boqonnaa Dippiloomaasii haaratti ce’uu ishee kan mul’isu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Daawwannaan hoggantoonni fi dippiloomaatoonni olaanaan itti fufiinsaan Ityoophiyaatti taasiisan Ityoophiyaan gaaga’amarraa gara Dippiloomaasii haaraatti ce’uu ishee kan mul’isu ta’uu ministeerichi ibseera.

Daawwannaa hojiif Finfinneetti kan argaman Ministirri Alaa fi Ministirri Daldalaa Hangaarii Piitar Siiyaartoos hoggantoota mootummaa garaagaraa waliin marii taasiisaniiru.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alem marii kana ilaalchisee ibsa laataniiru.

Ministira Alaa fi Ministira Daldalaa Hangaarii Piitar Siiyaartoos waliin mariin bu’aa qabeessi taasiisfamuu himaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii bara 1956 eegalame caalmaatti guddisuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’atamuu Ambaasaaddar Mallas kaasaniiru.

Dhimmoota naannawaa fi hariiroo hundagaleessarratti mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Ityoophiyaan hariiroo alaa cimsuu fi michuuwwan baay’isuurratti tarsiimoo qindaa’aa ta’e hojiirra oolchaa jiraachuu Ambaasaaddar Mallas Alem ibsa laataniin himaniiru.

Maddi:-TOI

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.