Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsa Sudaan keessatti uumameen lakkoofsi namoota du’anii 185 caaluu ibsame

Finfinnee, Eebla 10, 2015 (FBC) – Walitti bu’iinsa Sudaan keessatti humnoota addaa ‘Rapid Support Forces’ jedhamuu fi humna ittisaa biyyattii gidduutti uumameen lakkoofsi namoota ajjeeffamanii 185 caaluu ibsame.

Sudaanitti bakka Bu’aan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Voolkaar Peertees akka ibsanitti hanga guyyaa kaleessaatti namoonni kumni 1 fi 800 madaa’aniiru.

Ajajeen Waraanaa Sudaan Jeneraal Abdul Fattaahi Al Burahaan Humnoota Addaa kanneen garee Finciloota jechuun moggaasuuf murtoorra ga’uu isaanii CGTN gabaaseera.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiru cimsanii balaaleeffataniiru.

Qaamoleen lameen garaagartee isaanii mariin furuu akka qaban hoggantoonni biyyootta garaagaraa waamicha dhiyeessaa jiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.