Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Qiirqoositti Piroojektoonni guyyoota 90 eebbifaman

Finfinnee, Eebla 10, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Qiirqoositti piroojektoonni guyyoota 90 eebbisiifamaniiru.

Warshaan daabboo Barakat guyyaatti daabboofi keekii kuma 300- kuma 400 oomishuu danda’u piroojektoota eebbifaman keessaa tokko ta’uu eerameera.

Bifuma walfakkaatuun Paarkiin Qiirqoos kan Addabaabaayii Qeeraarratti ijaarame guyyaa har’aa eebbifamuun tajaajilaaf banameera.

Sagantaa eebba piroojektootaa kanarratti Af-Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Buuzeenaa Alqaadiriifi Hojii Raawwachiisaan Kutaa Magaalaa Qiirqoos Dooktar Biruuk Kadir argamaniiru.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.