Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Sudaan haala keessa jiran furuuf beekumsaa fi dandeettii gahaa qabu–MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebla 9, 2015 (FBC)-Ummanni Sudaan haalaa biyyattiitti yeroo amma mudate furuuf beekumsaa fi dandeettii gahaa qabu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa haala yeroo Sudaan ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, ummanni Sudaan dur irraa eegalee bilisummaa isaanii kan jaallataanii fi kabajaa biyyaalessummaa isaanii eegsisanii kan turan ta’uu yaadachiisniiru.

Barsiifanni gaariin ummata Sudaanirraa ergifataman keessaa arjummaa fi keessummaa simachuun adda durummaan kan eeraman keessaa ta’uu ibsaniiru.

Duudhaalee kanneen ammoo hariiroo hawaasummaa ol Ityoophiyaa fi Sudaaniin kan walfakkeessaan, caalmaan kan walitti firoomsaan jedhaniiru.

Haqa kanneen biroorraa ittiin adda ta’an ta’uu himaniiru.

Waan ta’eefis, amalli ummataa Sudaan sabboonaa ta’uun, haala kamiinuu kabajaa fi bilisummaa isaa waan dabarsee kennu kan hinraawwannedha jedhan.

Kanaaf rakkoo isaa ofii isaan furachuuf ummata kaayyoo olaanaa fi ogummaa qabu ta’uun, giddu seentummaa kaayyoo jeequmsaa qabatee kan keessumsiisu hinta’u jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.

“Nuti Ityoophiyaanonni, sabboonaa ummataa Sudaan muddama yeroo ammaa mudataanii jiru keessaa ogummaan ba’uu akka danda’u amantaa jabaa qabnu ibsuu barbaanna” jechuun himaniiru.

Ummani Sudaan rakkoo isaa ofii isaan akka furatuuf dhiisuufii qabna kan jedhan Muummeen Ministiraa, kaayyoon gidduu seentummaa kamuu nageenyaa fi marii ilaalchisee qofa ta’uu qaba jedhan.

Sanaan alaa kan ta’e ajandaan dhokataan sochii giddu seentummaa sirrii hintaanee, dhaddacha seenaan itti gaafatamaa kan taasisu ta’uu eeraniiru.

Ummannii fi mootummaan Ityoophiyaa gama isaan ummanni Sudaan rakkoo keessoo isaa adeemsa ogummaa isaan akka furamu kan hawwan ta’uu fi faayidaan ummata Sudaan kabajamee arguun fedhii isaa olaanaa ta’uu irraa deebiin mirkaneessaniiru.

Ammas, bifa seeraan alatiin rakkoolee biyyatti keessa humnoonni alaa kamuu harka galfachuu jabeessanii akka morman hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.