Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’oo magaalichaa Birrii miiliyoona 200 oliin piroojektoota garaagaraa ijaarsisaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Eebla 9 ,2015 (FBC)- Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’oo Magaalaa Jimmaa piroojektoota garaagaraa 45 Birrii miiliyoona 200 oliin ijaarsisaa jiraachuu beeksise.

Dhaabbatichi piroojektii sagantaa qulqullina magaalaa marsaa 2ffaan deeggarsa Baankii Addunyaarraa argate fayyadamuun qulqullina magaalaa mirkaneessuuf manneen fincaanii waliiniifi manneen fincaanii hawaasaa 45 ijaarsisaa jiraachuu Ittigaafatamaan Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’oo Magaalaa Jimmaa Injiinar Munawwar Huseen himaniiru.

Piroojektoonni kunneen baasii Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 8 hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbatichi Kenniinsa tajaajilaafi dhiheessii bishaan dhugaatii si’ataa, ammayyaa’aafi qulqulluu taasisuuf hojjechaa jiraachuu addeessaniiru.

Namoota harka qalleeyyii tajaajila bishaan dhugaatii argachuu hin dandeenye abbaa warraa 600 ta’aniif baasii dhaabbatichaan lakkooftuun bishaanii galuu dubbataniiru.

Tamasgeen Allabbaachootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.