Fana: At a Speed of Life!

Dhaloota Barnootaan qarametu biyya jabduufi guddoo ijaaruu danda’a – Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Eebla 9, 2015 (FBC) – Dhaloota Barnootaan qarametu biyya jabduufi guddoo ijaaruu danda’a Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallisa Abdiisan.

Dhaloota Biyya ofii jaalatu horachuufi egeree biyyaatti bu’ura cimaarra dhaabuuf dhaloota irratti hojjechuun hojii filannoo hin qabneeedha jedhan fuula feesbuukii isaaniin.

Dhaloota Barnootaan qarametu biyya jabduufi guddoo ijaaruu danda’a.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas kana hubachuun hojii dhaloota dakanumaa qaraa guddisuu hojjachaa jira.

Haaluma kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa karaa barameefi karoora idileetin alatti, karoora addaa baafatee hojiiwwan jijjiiramaan asitti hojjechaa jiruun, injifannoowwan gurguddaa galmeessisaa jira.

Kanneen keessaa tokko, rakkoo qulqullina barnootaa bu’uurarraa furuuf inisheetiiviiwwan bu’uura “Boruufi Ifaa Boruu” jedhaman bocuun yeroo gabaabaa keessatti hojiitti hiikee jira.

Kanaanis, waggaa lama qofa keessatti Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu Idileen Duraa kanaan dura baadiyyaa keessa hin turre kuma 9 fi 820 ol hirmaannaa ummataa Birrii biiliyoonaan lakka’amuun ijaaramanii daa’immaniif karaa haqa qabeessa ta’een barnoonni kennamaafii jira. Sagantaa manneen barnootaa keessatti nyaata dhiheessuutiin barattoota miiliyoona 4.9 ta’aniif nyaanni dhihaachaa jira.

Hojiin kun qulqullina barnootaa daran kan fooyyessu ta’a.

Gama biraatiin, barattoonni qaxaleefi kennaa addaa qaban kan itti baratan manneen barnootaa Ifa Boruu 100fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa 7 baajata Birrii biiliyoonaan lakka’amuun waggaa tokko keessatti ijaarree xumuruun, manneen barnoota kanneenitti barattoonni baratan Afaanota idil-addunyaa kanneen akka Afaan Ingilizii, Chaayinaa, Faransaayiifi Arabaa barachaa jiru.

Kun barattoota sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’an akka horannu nu taasisa.

Qulqullina barnootaarratti jijjiirama fiduuf sirna barnootaa (kaarikulamii) haaraa bocee hojiirra oolchaa jira.

As keessatti Sirna Gadaa Oromoo akka gosa barnootaa tokkootti qopheessuun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti barnoonni Sirna Gadaa kennamaa jira.

Kunimmoo, dhaloonni kun duudhaafi safuu Ummata isaa beekee, naamusa gaarii akka horatu akkasumas dhaloota biyya isaa jaallatu akka horannuuf nu gargaara jedhan Pireezidaanti Shimallis ergaa gama fuula Feesbuukii isaaniin dabarsaniin.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.