Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Tikaa fi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa haala Sudaanirratti marii eegale

Finfinnee, Eebla 8, 2015 (FBC)-Manni Maree Tikaa fi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa haala yeroo Sudaanirratti Finfinneetti mari’achuu eegaleera.

Marichis galma Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, jeequmsa siyaasaa fi nageenyaa Sudaan keessaatti dabalaa dhuferratti mari’achaa jira.

Manni Marichaa walga’ii isaanis walmorkii aangoon lola gaggeeffamaa jiru cimsee balaaleffateera.

Wal loliisi kuni lammiilee nagaa hedduun lubbuun akka darban, madaa’uu fi manca’iinsi qabeenyaa akka mudatuuf sababa ta’eera.

Dhangala’uu dhiigaa fi jeequmsi hammaataan akka hinmudanne hambisuuf fedhii lammiilee sudaan kan fi bu’uureffatee fi dhukaasni akka dhaabbatu waamicha dhiyeesseera.

Humni Waraanaa Sudaanii fi Humni RSF (Rapid Support Forces) tasgabbii fi ijaarsa diimookiraasii, olaantummaa seeraa fi heeraa akkasumas mirga namoomaaf dursa kennuun marii siyaasaa hundaa haammate gaggeessuuf dursa kennuu akka qaban gaafateera.

Guyyaa kaleessaa Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat, dhukaasa dhaabuun gara mariitti akka dhufanii fi nageenyi lammiilee siviilii akka eegamuuf waamicha dhiyeessuun kan yaadatamuudha.

Walitti bu’insi tibbana Sudaan Magaalaa Kaartumii fi kutaalee biyyattii birootti uumame walmorkii aangoo hoogantoota olaanoo waraanaa biyyattii gidduutti mudateen akka ta’ee eerameera.

Sudaan fonqolcha bara 2013 booda Mana Maree ce’umsaa Walabaatiin kan bulaa jirtu ta’uun kan beekamuudha.

Muddamni humna addaa fi raayyaa ittisaa biyyattii gidduu guyyootaaf mul’achaa ture hammaachuun Kaartuum keessatti Sanbata darbe walitti bu’iinsi eegaleera.

Muddamni kun karoora waraanni biyyatti aangoo bulchiinsa siviiliif dabarsuurratti kan xiyyeeffate ta’uu BBC’n gabaasee turuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.