Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroonni Ayyaana Faasikaan ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Eebla 8, 2015 (FBC)-Ambaasaaddaroonnii fi Embaasiiwwan biyyootaa garaagaraa hordoftoota Amantaa Kiristiyaanaan bagaa Ayyaana Faasikaatiin isin gahe jechuun hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Ivergeenii Tarkihaan “Ayyaanni Faasikaa ibsituu jireenyaa fi abdii haaraati” jechuun turtii Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

“Ayyaana abdii qabeessa kanaan obboleewwan koo Ityoophiyaanota hundaaf nageenyaa hawwaaf” jedhaniiru.

Nageenyi bu’uura waan hundaa ta’uu kan ibsan ambaasaaddarichi, Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanotaaf hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Ityoophiyaatti embaasiiwwanii fi ambaasaaddaroonni, Israa’eel, Ingiliz, Neezarlaand, Deenmark, Iraan, Meeksiikoo, Ameerikaa, Jarman, Xaaliyaanii, Paakistaan, Sirilaankaa fi Ostiriyaan ergaa bagaa ittiin isin gahee dabarsuun, hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Hordoftootaa Amantaa Kiristiraanaa biratti Ayyaanii Faasikaa kabajamaa jira.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.