Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen olola sobaan maqaa raayyaa Ittisaa fi hoggantootaa balleessan gochicharraa of qusachuu qabu – Raayyaa Ittisaa

Finfinnee, Eebla 7, 2015 (FBC) – Qaamoleen olola sobaan maqaa raayyaa Ittisaa fi hoggantootaa balleessan gochicharraa akka of qusatan Raayyaan Ittisaa hubachiise.

Adeemsa humna addaa naannolee irra deebiin gurmeessuun walqabatee qaamoleen tokko tokko olola sobaan maqaa miseensota Raayyaa Ittisaa fi hoggantootaa xureessaa jiraachuu Daayrektarri Hariiroo Ummataa Raayyaa Ittisaa Koloneel Geetinnat Adaanaan ibsaniiru.

Qaamoleen kunneen maqaa Raayyaa Ittisaa balleessuun garaagarummaan raayyicha gidduutti akka uumamu taasiisuuf dhama’aa jiraachuu eeraniiru.

Hariiroo cimaa ajajichaa laaffisuuf halkanii guyyaa hojjechaa jiraachuu dubbachuun, argamichi kaayyoo biyya diiguuf adeemamaa jiru ta’uu eeraniiru.

Gochaa badii kanarraa akka of qusatan hubachiisaniiru.

Kana booda harka tokkoon hidhannoo, harka biroon siyaasa qabatanii socho’uun kan hin danda’amne ta’uu akeekkachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.