Fana: At a Speed of Life!

Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoosiin sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos Sababeeffachuun hordoftoota amantaa kiristaanaa maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Faasigaan, hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti guyyaa du’aa ka’uu Kiristoos yaadachuuf ayyaana kabajamu, hawwii guddaan kan eegamuufi mallattoo dhiifamaa, qulqullummaafi injifannoo ta’uu ergaa isaaniin kaasaniiru.

Guutuun ergaa isaaniis akka itti aanutti dhiyaateera.

Ummanni keenya walitti dhufee tokkummaa, jaalalaafi duudhaalee waliin jireenyaa kaleessa qabu carraan ittiin deebisee haaromfatu, dagaagfatuufi jabeeffatu wayita ayyaanota akkanaa kabajudha.

Aadaan wal bira dhaabbachuu, harka qalleeyyii deeggaruufi kan qaban irraa waliif qooduun gamtaan waliin kabajuu kaleessa qabnu har’as kan durii caalaa karaa rakkoo hawaas-diinagdee lammiilee keenyaa hiikuu danda’uun itti fufiinsaan raawwatamuu kan qabudha.

Ummanni keenya bal’aan, balaa hongee kaleessa nu mudate qolachuuf waamicha birmaannaa mootummaan taasiseef fudhatee, keessaafi alaa wal dubbisee, qor-qalbii tokkoon daandii tokko irra waliin hiriiree, ummata isaatti abdiifi miira injifannoo horuun aantummaafi quuqama lammii isaaf qabu gochaan agarsiisuun isaa yaadannoo keenya kaleessaafi har’as itti fufee jirudha.

Waggoottan jijjiiramaa dabarsine keessattis qormaatilee hedduu nu mudachaa turan carraatti jijjiiruun injifannoowwan galmeessine hundinuu bu’aa qabsoo ummata keenyaatiin milkaa’inoota argamanidha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, nageenya ummata isaaf dursa kennuun, nagaafi tasgabbii lammiilee isaa mirkaneessuuf yeroo kamiin olitti xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechuu irratti argama.

Hawaasa nagaa qabutu misooma irratti bobba’ee diinagdee biyyaa utuba ejjennoo jedhu qabatee humnoota hidhatanii naannicha keessa socho’an waliin waldhabdee jiru mariin hiikuuf
Yaa’ii Caffee tibbana gaggeessine irratti waamicha nagaafi araaraa labsuun isaa ni yaadatama.

Ummanni keenyas, waamichi kun marii biyyaalessaa gaggeessuuf deemnu keessatti garaa garummaa tokko malee lammiileen hundi qooda isaanii gumaachuun cehuumsa biyyaa dhugoomsuu akka danda’aniif hiree kennuuf yaadamee hojii hojjetamaa jiru waan ta’eef har’as akkuma kaleessaa gahee isaa bahachuu qaba.

Haa ta’u malee, finxaaleyyiin abjuu sirnoota kaleessa darbanii deebisuuf abjootan, yaadamni obbolummaafi walqixxummaa sabootaa kan isaaniif hin liqimfamne daldala siyaasaa dhokataa qabatanii biyya dhiigaafi wareegama qaalii gootota ijoollee isheetiin ijaaramtee har’a geesse diiguuf sochiin taasisaa jiran yoomillee hin milkaa’u.

Caffeen Oromiyaas, ergama bakka bu’ummaa ummataa fudhatee qaama hojjechaa jiru waan ta’eef, injifannoowwan imala waggaa shanii keessatti roga maraan galmaa’an cimsaa, ijaarsa biyyaa taasisaa jirru keessattis itti gaafatamummaa dachaa akka qaama mootummaattis ta’e akka bakka bu’aa ummataatti qabu milkeessuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoo addaan hojjata.

Dhumarrattis, ayyaanni kun kan milkii,gammachuu,jaalalaafi Injifannoo akka isiniif ta’u hawwiin qabu ibsaa irra deebi’uun Baga Ayyaana Faasigaa bara 2015’n Nagaan isin gahe!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.