Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin amantaa Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Abbootiin amantaa Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Hordoftoonni amantaa kiristaanaa nageenya du’aa ka’uu Yesuus Kiristoosiin argame hojiilee gaggaarii hojjechuun hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru.

Abbootiin kunneen Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, du’aa ka’uu Yesuus Kiristoosiin dhala namaaaf nageenyi kan itti argame ta’uu ibsaniiru.

Hordoftoonni amantaa kiristaanaa nageenyiifi tokkummaan biyyaa akka mirkanaa’uuf cimee hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Rakkooleen nageenyaa bakkeewwan tokko tokkotti mudatan mariin furamuu akka qaban eeruusaanii EBCn gabaaseera.

Ayyaanicha namoota harka qalleeyyii waliin dabarsuun barbaachisaa ta’uu abbootii amantaa kunneen yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.