Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Invastimantii abbootii qabeenyaa Ityoophiyaafi diyaaspooraa magaalaa Waashingitan DC’tti gaggeeffame

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Fooramiin Invastimantii abbootii qabeenyaa Ityoophiyaafi diyaaspooraa magaalaa Waashingitan DC Embaasii Ityoophiyaatti gaggeeffameera.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen haasawaa fooramicharratti taasisaniin, filannoowwan invastimantii bal’aa Ityoophiyaan qabdutti fayyadamuun Ityoophiyaanonni biyya keessas ta’e alaa dameewwan invastimantii garaagaraarratti akka hirmaataniif mootummaan Ityoophiyaa deeggarsa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Adeemsi nageenya waaraa mirkaneessuu akka lafa qabatuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa dameen dhuunfaa gahee olaanaa akka ba’atu kan taasisu ta’uu ibsuun, mootummaan imaammata mijatoo diriirsuufi hojiilee invastimantii muraasa keessatti kan hirmaatu ta’uu ibsuusaanii ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.

Ameerikaa dabalatee abbootiin qabeenyaa Ityoophiyaa biyyoota garaagaraa jiraatan qabeenya, muuxannoofi beekumsa horataniin biyya isaaniitti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa obbo Maammoo Mihiratuun, Invastimantii jajjabeessuuf liqiin baankileen laatan %90 damee dhuunfaaf waliin gahamaa jiraachuu eeraniiru.

Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Nameen gamasaaniin, Ityoophiyaan abbootii qabeenyaaf mijattuu akka taatuuf fooyya’iinsi imaammataa taasifamaa jiraachuu addeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.