Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Faasikaa wayita kabajamu tokkummaa biyyaa waaraan mirkaneessuuf waadaa galuun ta’uu qaba- Abbootii Amantaalee

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) –Ayyaanni Faasikaa wayita kabajamu tokkummaa fi Araara biyyaa waaraan mirkaneessuuf waadaa galuun ta’uu akka qabu dureewwan Amantaa Kiristiyaanaa ibsan.

Abbootiin Amantaalee Ayyaana Hiikaa/ Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Paatiriyaarikiin mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa Abunee Maatiyaas hordoftoota Amantaa Kirisitiyaanaa fi ummata Ityoophiyaa maraan baga ayyaana Faasikaa geessan jechuun ergaa dabatsaniiru.

Hordoftoonni amantichaa wayita Ayyaana Hiikaa kabajan kan rakkate gargaaruun araaraa biyyaa waaraan mirkaneessuuf waadaa galuun ta’uu akka qaba dhaamaniiru.

Kaardenaalli Mana Amantaa Kaatoolikii Abunee Birihaanayessuus Suraafeeliis hodoftoonni amantichaa ayyaana Hiikaa wayita kabajan lammiilee harka qalleeyyii deeggaruu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Barreessaan Mana Maree Amantoota Wangeelaa Ityoophiyaa Lubni Darajjee Jambaruunis gama isaaniin dargaggoonni tokkummaa fi nageenya Ityoophiyaa eeguu akka qaban dhaamaniiru.

Nageenya Ummataa fi biyyaaf dursa laachuun waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeruu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.