Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanonni Fannoo fi Faasikaa karaa nagaan akka kabajamu qophii ga’aan taasifame – Humna Waloo Nageenyaa

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) – Ayyaanonni Fannoo fi Faasikaa karaa nagaan akka kabajamu qophiin barbaachisu taasifamuun hojiitti galamuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa beeksise.

Ayyaanota kanneen sababeeffachuun rakkoo nageenyaa fi balaawwan tiraafikaa akka hin mudanne dhaabbileen nageenyaa karaa guutuu ta’een gara hojiitti galuu ibseera.

Iddoolee gabaa, bashananaa, bakka hawaasni itti heddummatuu fi dhaabbilee Amantaatti rakkoon nageenya akka hin mudanne Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa qophii barbaachisu xumuruun gara hojiitti galuu eereera.

Yaa’insi nageenya Tiraafikaa nagaa ta’a akka jiraatuuf hordoffii fi to’annoo cimaan gaggeeffamaa jiraachuu eereera.

Hawaasni wayita naannawaa isaatti wantoota sodaa nageenyaaf shakkisiusoo ta’an arge sararoota bilbilaa armaan gadiin eeruu laachuu akka qabu himeera.

011-1-26-43-59, 011-5-52-63-02/03, 011-5-52-40-77, 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81 akkasumas sararoota bilisaa 987፣ 991 fi 816 eeruu akka laatu waamicha dhiyeesseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.