Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanota tibbana kabajamanirratti addaan ciccituun tajaajila Elektirikaa akka hin mudanne qophiin barbaachisu taasiifame – TEI

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) – Ayyaanota tibbana kabajamanirratti addaan ciccituun Tajaajila Elektirikaa akka hin mudanne qophiin barbaachisu taasiifamuu Tajaajilli Elektirika Ityoophiyaa beeksise.

Wayita rakkoon mudate saffisan suphuuf koreen hundaa’uu eereera.

Qophii taasifame ilaalchisee Daayrektarri Kominikeeshinii tajaajilchaa Obbo Malaakuu Taayyeen ibsaniiru.

Rakkoon adda ciccituu humnaa akka hin mudanne hojiin sirreeffamaa dursee hojjetamuu eeraniiru.

Wayita rakkoon mudate saffisaan suphuuf koreen ogeeyyii hundaa’uun qophii ta’uu kaasaniiru.

Guyyaa jala bultii eegalee warshaalee oomishtoota Simmintoo fi Al ergiin ala Indaastiriiwwan Humna sirna daddabarsaa fi buufata raabsaaa elektiriikaa olaannaarraa akka hin fayyadamu adda cituu Obbo Malaakuun ibsaniiru.

Hawaasni wayita fayyadamtoonni hin baayy’anne halkan sa’aatii 3 hanga barii sa’aatii 11tti humna fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.