Fana: At a Speed of Life!

Koreen Malaanmaltummaa Finfinnee lafa kaaree meetira kuma 43 ugguruu beeksise

Finfinnee, Eebla 5, 2015 (FBC)- Erga hojii eegalee Sadaasa 28, 2015 eegalee lafa kaaree meetira kuma 43 fi 436 ol ugguruu Koreen Malaanmaltummaa Finfinnee beeksise.

Walitti Qabdun Korichaa fi Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Aaddee Liidiyaa Girmaa akka ibsanitti, uggurri gaggeeffame wayita qorannootti ragaalee walitti qabaman bu’uureffachuuni.

Haaluma kanaan, hawaasarraa sarara bilbila bilisaa 9977’n, qaamaan dhiyaachuu fi saanduqa yaadaan eeruuwwan qaqqaban 401 keessaa dhimmoota adda baafaman 133 qorannoo seeraaf korichaan qajeelfamuu dubbataniiru.

Dabalataan, yeroo ammaa galmeewwan qorannoo garaagaraa 130 gurmeessuun akkaataa sadarkaa yakkichaan ragaalee walitti qabuu fi raawwattoota yakkichaa addaa baasuurratti akka argaman himaniiru.

Galmeewwan qorannoo gurmaa’an keessaa galmeen qorannoo 10 xumuramuun Abbaa Alangaa Federaalaaf dhiyaachuun yeroo ammaa namoota 56 irratti himanni banamuu ibsaniiru.

Qiddisti Tasfaayeetu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.