Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Waldaa Daandiiwwan Qilleensaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamuufi

Finfinnee, Eebla 5, 2015 (FBC)-Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Yaa’ii Waldaa Daandiiwwan Qilleensaa Afrikaa Caamsaa dhufu kessummessuuf ta’uun ibsame.

Hojii Rawwachisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Obbo Masfiin Xassawu ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, yaa’ichaarratti indaastiriiwwan Idil Addunyaa ni hirmaatu jedhaniiru.

Carrichaan Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa ga’uumsa dabalataa kan argatu ta’uu ibsaniiru.

Barreessaa Olaanaan Waldaa Daandiiwwaan Qilleensaa Afrikaa Abduramaan Mantee gama isaaniin, yaa’icharratti dhaabbiilee oomishaa xiyyaaraan beekkaman kan hirmatan ta’uun, ga’umsa Waldaa Daandii Qilleensaa Afrikaa guddisuuf kan gargaruudhas jedhan.

Yaa’ichaarratt hirmattonnii 500 ol ni argamuu jedhamee eeggama.

Misikiir Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.