Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan miseensota giddu gala seenaa, Hambaalee fi barnoota Ummattoota Gurraachaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin miseensota giddu gala seenaa, Hambaalee fi barnoota Ummatoota Gurraachaa waliin mari’ataniiru.

Giddu galli seenaa, Hambaalee fi barnoota Ummatoota Gurraachaa teessoo isaa Ingilaandi magaalaa Landan taasiise kun Waajjira Muummee Magaalaa Finfinneetti banuu akka barbaadu ibseera.

Waajjirichi Finfinneetti banamuun seenaa Ummattoota Gurraacha fi Bilisummaa Afrikaaf qooda Ityoophiyaan qabduuf tilmaama keessa galchuun ta’uu miseensonni giddu galichaa marii Obbo Dammaqaa waliin taasiisanirratti ibsaniiru.

Sirni seenaa fi Aadaa Ummattoota Afrikaa iddoo tokkotti walitti qabamuu akka qabu eeruun, kanaaf ammoo Ityoophiyaa biyya filatamtuu ta’uu marichaan ka’eera.

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaan giddu galichaaf filatamuu isheef galateeffachuun, mootummaan tumsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.