Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaant Saahilawarq lammiilee harka qalleeyyiif maaddii qoodan

Finfinnee, Eebla 4, 2015(FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Ayyaanota Faasikaafi Iid Alfaxir sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru.

Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen Kutaa Magaalaa Araadaa aanaa 8’tti argamuun namoota harka qalleeyyiif maaddii kan qoodan yoo ta’u, waqtiin kun waqtii soomaafi kadhannaa hordoftoota amantaa kiristaanaafi Islaamaa waan ta’eef walgargaaruufi waldeeggaruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Jiraattoonni kutaa magaalichaa kuma 10 caalaan sagantaa maaddii qooduu yeroo fi waaraa bara kana gaggeeffamerraa fayyadamuu ta’uu Hojii Raawwachiisaa olaanaan kutaa magaalaa Aaraadaa Obbo Mollaa Nigus ibsaniiru.

Deeggarsa taasiifamaa jiruufis galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.