Jilli Dooktar Liyaan durfamu dhaabbilee fayyaa naannoo Tigraay deebisanii ijaaruuf daawwannaa taasisaa jira
Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan durfamu dhaabbilee fayyaa naannoo Tigraay deebisanii ijaaruuf daawwannaa taasiisaa jira.
Jilichi wayita Buufata xiyyeearaa idil addunyaa Aluulaa abbaa nagaa ga’u hogganaa Biiroo Fayyaa Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Amaanu’eel Hayileen simatameera.
Jilichi Dhaabbilee fayyaa sababa walitti bu’iinsaan miidhamanii fi Hospitaalota tajaajila laachaa jiran daawwateera.
Dhaabbilee tajaajila fayyaa miidhaman deebisanii ijaaruu fi tajaajila eegalchiisuuf hojiilee Bulchiinsi yeroo naannichaa dhaabbilee tumsitootaa waliin hojjetaa jiru ilaalchisee mariin taasifameera.
Jilichi har’as daawwannaa isaa itti fufuun daawwannaa booda hoggantoota naannichaa waliin marii kan taasiisu ta’uu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.