Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad ummanni osoo hin rifatin, fayyaa ofii fi maatiisaa eeguu qaba jedhan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ummanni osoo hin rifatin fayyaa ofii fi maatiisaa eeguu qaba jedhan.
 
Dooktar Abiy miidhamaan koroonaa vaayrasii jalqabaa Ityoophiyaatti argamuu ilaalchisuun ergaa of eeggannaa dabarsaniiru.
 
Harka irra deddeebiin dhiqachuu amaleeffachuu, mallattoon qufaa yoo isinirratti muul’ate manaa ba’uu dhiisuu, iddoo namni itti heddummaatu deemuu dhiisuu fi of eeggannoo taasisuu, nagaa walgaafachuu waltuttuqqii qabu dhiisuu, fayyaa ofii fi fayyaa maatii eeguun barbaachisaadha jedhaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.