Fana: At a Speed of Life!

Daa’imaan naaannawaa waliitti bu’iinsaa fi hongeef xiyyeeffanaa akka kennamu gaafatame

Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC)- Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomaniitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii (UNICEF) Ityoophiyaatti daa’imaan naaannawaa waliitti bu’iinsaa fi hongeetti argamaniif xiyyeeffannaa akka kennu gaafatame.

Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ityoophiyaatti Bakka Bu’aa Dhaabbataa Gargaarsaa Daa’immanii Dooktar Abubakar Kaampaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis Obbo Dammaqaan, UNICEF Ityoophiyaatti misoomaarratti deeggarsa murteessaa taasisaa jiraachuu eeranii, caalaatti daa’immaniif nyaata madaalawaa fi barnoota akka argataniif sagantaalee hojiirraa oolchaa jiru dinqisiifataniiru.

Dhaabbatichi naannawaa hongee fi walitti bu’iinsatti daa’imman argamaniif xiyyeeffannaa kennuu akka qabu akeekanii, deeggarsa namoomaa fi hojiilee misoomaa naannawaa kanneenitti hojjechaa jiru caalmaan cimsuu akka qabu Obbo Dammaqaan gaafataniiru.

Waliigaltee Piriitooriyaarrattis ibsa kan taasisan Obbo Dammaqaan mootummaan kutannoo guutuun hojjechaa jiras jedhaniiru.

Dooktar Abubakar gama isaaniin erga waliigalteen Piriitooriyaa mallatteeffamee as naannawaalee walitti bu’iinsi turetti jijjiiramni qabatamaan mul’achuu kaasaniiru.

Waliigaltee nageenyichaan naannawaa walitti bu’iinsaatti daa’imman argamaniif deeggarsa dhiyeessuuf haalli fooyya’aan uumamuu ibsuun, ‘UNICEF’ deeggarsicha cimsee akka itti fufu beeksisaniiru.

Akkasumaas daa’imman naannawaa biyyatti birootti argamaniif deeggarsa namoomaa fi misoomaa gaggeessuuf xiyyeeffannaa akka kennuu dubbatanii, dhaabbanni isaanii Ityoophiyaaf dhaabbata michuu misoomaa cimaa ta’ee akka itti fufu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaaraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.