Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Ivigeenii Tarkiihiin waliin dhimmoota Invastimantii anniisarratti mari’ataniiru.

Hariiroon Ityoophiyaa fi Raashiyaa kan bara dheeraa fi michummaa cimaa ta’uu Dooktar Injinar Habtaamuun eeruun,biyyoonni lamaan damee misoomaanis hariiroon ijaarsa piroojektoota Anniisaa Bishaaniin qaban cimaa ta’uu kaasaniiru.

Dameewwan Inarjii waloon misoomsuun danda’amurratti ibsa taasisaniiru.

Ityoophiyaan qabeenya anniisaa haaromu hedduu qabaachuu fi hojii Afrikaa Bahaa anniisaan walitti hidhuu hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbileen Inarjii Raashiyaa ijaarsa bu’uraalee misooma Inarjii fi qisaasa’ina isaa hir’isuurratti, akkasumas ijaarsa dandeettii bulchiinsa Inarjiirratti hojjechuu akka danda’an eeraniiru.

Dhaabbanni Inarjii Raashiyaa guddaan (RusHydro) jedhamu misooma damee Inarjii Ityoophiyaarratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu Ambaasaaddar Ivigeenii Tarkiihiin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.