Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan salgan darban Dubartoota diinagdeen cimsuuf liqiin Birriin biiliyoonni 2.2 kenname – BDhDDO

Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC) –Raawwiin hojii sektaraalee Hawaasummaa Oromiyaa bakka sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan kilaastera Hawaasummaa Obbo Abdulhakiim Muluu argamanitti qoratameera.

Baatiwwan salgan darban hojii kenna tajaajila lamummaan manneen kuma 23 ol ijaaramuun dubartoota harka qalleeyiif darbuu Hoggantuun Biiroo dhimma dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu gabaasa dhiyeesaniin himaniiru.

Dubartoota diinagdeen cimsuuf hojii hojjetameen liqii biiliyooni 2.2 dubartootaaf kennamuu fi qusannaa Birri biiliyoona 4.1qusachuun danda’amu himaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Barisoo gama isaaniin,Manneen barnoota bu’uura boruu kumni 6 hirmaannaa hawaasaan ijaaramuu fi Manneen barnootaa Birri biiliyoona1.4 galii madisiisuu himaniiru.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaanis kenna tajaajilaan haadholii kuma 900 fi kuma 37 dhaabbilee fayyaa keessatti akka da’anii taasiifamuu himaniiru.

Inshuraansii fayyaa hawaasan namoota miiliyoona 26 miseernsa horachuun akka danda’ame himaniiru.

Inistiityuutiin giddugala qorannoofi Qo’annoo Oromoos Aadaafi Seenaa Oromoorratti kan xiyyeeffatan Qorannoowwan 60 gaggeessaa akka jiruufi kitaabilee 6 maxxansiisuu Hogganaan Inistiityuutichaa Obbo Dirribaa Tarrafaan himaniiru.

Sektaraaleen Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa baatiwwan salgan darban keessa hojiiwwaan bu’a qabeessa hojjechuu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan kilaastera Hawaasummaa Obbo Abdulhakiim Muluun ibsuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.