Walga’iin koree Gamtaa Ajajoota Poolisii Baha Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC) – Walga’iin koree Gamtaa Ajajoota Poolisii Baha Afrikaa sosochii shororkeessummaa naannawichaa qolachuurratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Walga’ii guyyoota sadiif gaggeeffamu kanarratti miseensonni koree farra Shororkeessummaa, Seeraa, Sirna Koorniyaa, Saayibarii fi leenjii hirmaachaa jiru jedhame.
Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabremikaa’eel dura Taa’aa Yeroo Gamtaa Ajajoota Poolisii Baha Afrikaa yoo ta’an, gamtichi biyyoota 14 miseensummaan kan of keessatti hammate ta’uu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.