Fana: At a Speed of Life!

Ajandaalee diigumsaa qolachuuf Biirooleen Kominikeeshinii Federaalaa fi naannolee tumsaan hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC) – Ajandaalee diigumsaa qolachuuf Biirooleen Kominikeeshinii Federaalaa fi naannolee tumsaan hojjechuu akka qaban Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Dooktar Laggasaa Tulluun eeraniiru.

Ajandaalee mootummaa gurguddoo haalan adda baasuun karoora keessa galfachuun hojjechuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Laggaseen eeraniiru.

Tajaajilichi Sagantaa leenjii ‘kominikeeshinii bu’aa qabeessa guddina Ityoophiyaaf’ jedhuun mata dureewwan ‘bu’uraawwan hariiroo ummataa, ajandaa bocuu fi kominikeeshinii wayita mudamaa’ jedhamanirratti sanada leenjii qophaa’erratti Magaalaa Adaamaatti mari’ateera.

Hojii kominikeeshinii Karoora gooroo biyyaa hammate,qorannoorratti hundaa’uun durfamuu, qormaatilee adda baasuu fi eenyummaa qaama ajandicharratti hirmaatanii adda baasuun ogeeyyii kominikeeshiniirraa kan eegamu ta’uu eerameera.

Ajandaalee diigumsaa qolachuuf dhaabbileen Kominikeeshinii Federaalaa fi naannolee karooraan, gochaa fi waldubbisuun hojjechuu akka qaban eerameera.

Tarsiimoon kominikeeshinii karooraan durfamuu akka qabuu fi ogeeyyiin damichaa miidiyaalee waliin hariiroo gaarii qabaachuun murteessaa ta’uu leenjicharratti ibsamuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.