Fana: At a Speed of Life!

Eeruu malaanmaltummaa booda hojiin itti gaafatamummaa mirkaneessuu hanna biraaf kan saaxilame ta’uu ibsame

Finfinnee, Eebla 2, 2015(FBC)- Eeruu yakka malaanmaltummaa booda hojiin itti gaafatamummaa mirkaneessuu hanna biraaf kan saaxilame ta’uu Komishiniin Naamuusa Gaariifi Farra Malaammaltummaa ibse.

Yaa’iin Hariiroo Waloo Komishinoota Naamusa Gaariifi Farra Malaanmaltummaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Komishinarri komishinichaa Dooktar Saamu’eel Urqaatoon haasawaa yaa’icharratti taasisaniin, eeruuwwan yakka malaanmaltummaa baay’inaan kan dhiyaatan ta’uu eeruun, eeruun booda adeemsi qorannoofi itti gaafatamummaa mirkaneessuu malaammaltummaa marsaa biraaf yookaan ammo hannaaf kan saaxilaman ta’uu dubbataniiru.

Eeruu uummanni namoota yakka malaanmaltummaa raawwatan irratti dhiyeessu fayyadamuun hojiin itti gaafatamummaa mirkaneessuu rakkoo hedduu qabaachuu ibsaniiru.

Namoonni ragaalee miliqsan hojiin qorannoo bu’aa qabeessi akka hin hojjetamniif gufuu ta’uu eeruusaanii TOI gabaaseera.

Hojiin malaanmaltummaa ittisuu dhimmi biyya itti fusiisuu ta’uu eeruun, qaamoleen gochaa hannaa raawwatanii saba, amantaafi wal beekumsa jala dhokachuuf yaalan jiraachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.