Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii sosochii Buusaa Gonofaa Oromiyaa Caasaa Federaalaa gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Waltajiin marii sosochii Buusaa Gonofaa Oromiyaa caasaa Federaalaa gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministiroonni, Qondaaltonni Olaanoo fi kanneen biroon hirmaataniiru.

Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Haabtaamuu Siisaay, kaayyoon waltajjichaa xiyyeeffannoo, adeemsafi haala ammee Buusaa Gonofaa irratti damaqina uumuu akka ta’e ibsaniiru.

Aadaan gargaarsa Oromoo qabu argisiistuu guddummaa isaa ta’uu himuun qaama aadaa kana ta’uun gahee hundaati jedhaniiru.

Ittaanaan Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Oromoonni sadarkaa Federaalaa jiraan yeroon ummataa isaanii cinaa dhaabbatan amma ta’uu kaasniiru.

Buusaa Gonofaa dhaabbata gargaarsaan oliitti guddisuuf miseensummaan, ogummaa fi gumaachaa taasisuun hirmaachuun dirqama isaanii akka bahatan gaaftaaniiru.

Sababa jijjiirama qilleensatiin godinaalee naannichaa 11 keessatti hingeen mudachuu kaasanii hanga ammaatti sababa hongeen miidhaan du’aatii namarraa ga’e akka hinjirre eeraniiru.

Dabalatan, ummata naannolee biroo rakkoo walfakkaataan qunnameef deeggarsaa taasisa jiraachuu himuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.