Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Hoji fi Ogummaa Indaastirii Chaayinaa waliin waliigaltee mallatteese

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Ministeerri Hoji fi Ogummaa Indaastirii Oomisha Huccuuwwanii Chaayinaa waliin waliigaltee mallatteesse.

Waliigaltechi ogeeyyiin Ityoophiyaa gabaa idil addunyaarratti ga’umsa akka qabaatan taasisuuf leenjii kennuuf akka ta’e eerameera.

Sirna Waliigaltechaarratti Minister Deetaan Dame Teeknikaa fi Ogummaa Ministera Hojii fi Ogummaa Dookytar Tashaalee Bareechaa fi Duraa Teessuu Oriented International Holding Toong Jiishangi mallatteessaniiru.

Dooktar Tashaaleen akka ibsanitti indaastiriin huccuwwanii diinagdee Ityoophiyaa guddisuuf damee humna guddaa qabudha.

Kana galmaan ga’uu fi humna nama leenji’ee indaastiricha madaalu gama ga’oomsuun dhaabbatichi gahee isaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Waliigaltee haaraan gaggeeffames kana kan cimsuu fi utubu ta’uu himaniiru.

Waliigalteen kun Ityoophiyaanota kuma 4 fi 500’f carraa hojii akka uumu eerameera.

Toongi Jishangi gama isaaniin, carraa hojii fi leenjii cimsuuf akkasumas ogummaa haaraa gabbisuun hojiirra oolchuuf guyyaa har’aas Ityoophiyaanota 100 gara Chaayinaatti erguun leenjisuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.