Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa bu’ura jabaarratti ijaaruuf dargaggoonni biyya isaanii akka beekan taasisuun barbaachisaadha-Obbo Taayyee Danda’aa

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa bu’ura jabaarratti ijaaruuf dargaggoonni biyya isaanii akka beekan fi akka walitti dhiyeenya uuman taasisuun barbaachisaadha jedhan Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aa.

Ministeerri Nageenyaa Yuunivarsiitii Jimmaa waliin ta’uun marsaa 6ffaaf daraggootaa tola ooltota biyyaalessaa kuma 6 fi 714 leenjisaa ture eebbisiiseera.

Sirna eebbichaarratti Obbo Taayyee Danda’an, ministeerichi dargaggoonni bakka tokkotti akka walargan taasisuun, duudhaalee akka waljijjiiran, garaagarummaa danda’anii akka jiraataniif leenjiin kennamaa turuu ibsaniiru.

Ityoophiyaa bu’uura jabaarratti ijaaruuf dargaggoonni biyya isaanii akka beekanii fi walii isaanii gidduutti walitti dhiyeenyi akka uumamu taasuisuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Gama kanaanis tola ooltummaan biyyaalessaa gahee olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru.

Dargaggoonni leenjii fudhatanis akkataa leenji’aniin biyya isaanii akka tajaajila waamicha dhiyeessnaiiru.

Warqaafarraahu Yaalawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.