Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa waggaa 77ffaa isaa kabajaa jira

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa waggaa 77ffaa hundeeffamee isa kabaja jira.

Daandiin qilleensichaa hojii erga eegalee waggaa 77 kan guute yoo ta’u, adeemsa kanaan Ityoophiyaa fi Afrikaa biyyoota addunyaa biroo waliin quunnamsiisuu itti fufeera.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa xiyyaarota 141’n Afrikaa dabalatee, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaa, Eeshiyaa fi ardiiwwan birootti tajaajila imaltootaa fi fe’umsaa kennaa jira.

Yeroo ammaa biyyoota 131tti tajaajila balalii kennaa kan jiru yoo ta’u, kanneen keessaa xiyyaaronni 126 tajaajila imaltootaaf, 15 ammoo tajaajila fe’umsaa kan kennaniidha.

Daandichi hanga bara Faranjootaa 2030’tti baay’ina xiyyaarota isaa 200’tti, baay’ina imaltootaa miiliyoona 13 irraa gara miiliyoona 65tti guddisuuf hojjechaa jiraachuu ragaan daandii qilleensicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.