Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Fooyya’insa Nyaataa lammiilee miliyoona 9 ol fayyadamoo taasisuu ifoome

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Sagantaan Fooyya’insa Sirna Nyaataa Naannoo Oromiyaa lammiilee miliyoona 9.69 fayyadamoo taasisu ifoomeera.

Sagantichi sekteroota sadarkaa naannoo, bulchitoota Godinaa fi Aanaa, Akkasumas Itti Gaafatamtoonni Waajjira Qonnaa Godinaafi Aanaalee sagantichan hammatamanii bakkaa argamanitti gaggeeffameera.

Sagantaan kun godinaalee 16, Aanaalee 72 fi gandoota baadiyyaa kuma 1 fi 768 keessatti kan hojiirra oolu yoo ta’u, lammiilee miiliyoona 9.69 fayyadamoo taasisa jedhan Qindeessaan Sagantaa Fooyya’insa Sirna Nyaataa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Gaaddisaa Ijjiguu.

Hogganaan Biiroo Qonnaa oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu hojiilee misooma qonnaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun baajata deeggarsa itti fufiinsa qabu taasisuufi hoggansi naannichaa sadarkaan jiran xiiqii fi kutannoon hjeelee damee qonnaarratti hojjetaniin jijjiiramni badhaadhina waloo mirkaneessuu danda’u galmaa’aa dhufuu ibsaniiru.

Sagantaan Guddina Qonnaas bara 2013 irraa eegalee marsaa 2’n hojiirra oolaa turee xumuramuu yaadachiisanii, sagantaan fooyya’insa sirna nyaataa guyyaa har’aa jalqabamuu himaniiru.

Kaayyoon sagantichaa akka galma ga’uu fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Hogganaa Kilaastara Misooma Baadiyaa Obbo Abduramaan Abdallaa sagantaa fooyya’insa sirna nyaataa deeggaruuf har’aa ifoome milkeessuuf hoggantoonnii fi caasaaleen sadarkaan jiran hordoffii fi deeggarsa barbaachisu akka taasisan Dhaamuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.