Fana: At a Speed of Life!

Humna Addaa naannoolee deebisne gurmeessina malee ni diigna hinjenne-Jeneraal Ababaawu Taaddasaa

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Humna Addaa Naannolee hojiin deebisanii gurmeessuu ammaa kan eegalee miti jedhan Ittaanaan Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaan.

Jeneraal Ababaawu dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, hojiin humna addaa deebisani gurmeessuu yeroo dheeraa qoratamaa kan ture malee hojii amma eegale miti jedhan.

Qorannichi, cimina humnoota addaa naannolee kan ilaale ta’us, gurmaa’inni humna addaa hanqinaa akka qabu fi seera qabeessa akka hinturre akeekaniiru.

Heera mootummaa biyyaan wayita ilaalaamus gurmaa’inichi seera qabeessa akka hintaanee fi heerris beekamtii hinkennu jedhu Jeneraal Ababaawu.

Ijaarsi Humna Addaa, sabummaarratti kan bu’uureffate ta’uu kaasanii, kun ammoo duudhaa waliin jireenya ummatootaa kan laaffisuudha jedhan.

Daandii furtuu siyaasa biyyattii kan balleessee ta’uu eeruun, kunis “Heeraa mootummaa keenyaan siyaasnii fi humni walfaana hindeeman; kanaafis beekaan siyaasaa yaadaan injifachuu wayita dadhabu ulee biraa qaba jechuudha; humna addaa hidhate ol fudhata” jechuun ibsu.

Qorannichaan humni addaa naannolee sirrii miti erga jedhamee waggoota afur akka lakkoofsise eeraniiru.

“Haaluma kanaan humna kana irra deebiin haa gurmeessinu jedhamee murtaa’e malee haa diigamu, hidhannoo haa hiiksisnu hinjedhamne” jedhan.

Daandiiin ittiin gurmaa’us akkaataa fedhii isaaniitti Raayyaa Ittisaa Biyyaatti, Poolisi Federaalaa fi poolisii idileetti akka makaman kaa’ameera jedhan.

kunis kabaja, haamilee fi faayidaa isaa haala hintuqneen akka raawwatamu sagantaan qabamuu eeraniiru.

“Kun hammeenyaa hinqabu; seera kan qabsiisu; yeroo kan kennineef rakkoo biraan waan tureef” jedhan.

Naannolee hunda haala hirmaachiseen qorannichaarratti yeroo dheeraaf irratti mari’atamee kan murtaa’e ta’uu kaasaniiru.

Qorannoo kana raawwachiisuu kan danda’u koreen biyyaalessaa hundeeffamuu eeranii, kunis kan taasifameef raawwii isaarratti hanqinni akka hinjiraanne yaadamee ta’uu Jeneraal Ababaawu Taaddasan himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.