Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Qindaa’aa Indaastirii Qonnaa damee qonnaa ceesisuurratti gahee olaanaa qabaachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Paarkiin Qindaa’aa Indaastirii Qonnaa damee qonnaa ceesisuurratti gahee olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal ibsan.

Koreen Ministirootaa Paarkii Qindaa’aa Indaastirii Qonnaa paarkii qindaa’aa indaastirii qonnaarratti marii taasiseera.

Walitti qabaan Korichaa obbo Malaakuu Allabal, Paarkiiwwan qindaa’aa indaastirii qonnaa damee qonnaa ceesisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Hanga ammaatti qonnaan bultoota kuma 140 ta’aniif indaastiriiwwan oomisha eegalan waliin walitti hidhamiinsi gabaa uumamuu ibsaniiru.

Kunis qulqullinaafi guddina oomishaarratti fooyya’iinsa olaanaa fiduu akkasumas gama carraa hojii uumuutiinis gahee olaanaa bahachuu eeraniiru.

Adeemsa hanga ammaatti jiruun paarkiiwwan haala gahaa ta’een abbootii qabeenyaaf mijatoo taasisuuf hojiilee hedduun hojjetamanis gama ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, paarkiiwwan kanneen beeksisuu hojiileen hojjetamuu qaban jiraachuu kaasaniiru.

Maricharratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen, Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaariitaa Sawaasawu, Ministir Deetaan Ministeera Hojiifi Ogummaa Obbo Nugusuu Xilaahuun fi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon hirmaachuu ragaan Ministeera Indaastiriirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.