Fana: At a Speed of Life!

Maqaa Pireezidantii Shimallis Abdiisaa fayyadamuun kanneen yakka raawwatan hidhaa cimaa fi maallaqaan adabaman

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC)-Maqaa Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fayyadamuun sanada sobaa qopheessuu fi seeraan ala Waldaa raabsitootaa Simmontoo kan hundeessuun miidhaa Birrii miiliyoona 29 kan geessisan himatamtoonni 8 hidhaa cimaa fi maallaqaan akka adabaman murtaa’e.

Mannii murtii olaanaa Magaalaa Shaggara dhaaddacha gaggeesseen himatamtootaa harkatti kan argame simmiintoo kuntaala kuma 8 fi Birriin kumni 565 ol akka dhaalamu ajajeera.

Murteen adabbii kan irratti darbe Ogeessaa Tikaa Naannoo Oromiyaa kan ta’an Addisuu Angaasaa Dheerechaa, Obboleessa himatamaa 1ffaa kan ta’e Taaddalaa Angaasaa Dheerechaa, Ittaanaa Hogganaa duraanii Biiroo Daldalaa Oromiyaa Warquu Caalaa, Miiliyoona Tolasaa, Katamaa Guutuu, Hojjettuu Faayinaansii Bulchiinsa Magaalaa Holataa Aadde Gannat Taaddasaa, hojjettoota Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Damee Baarneroo kan ta’an Iyyerusaalam Geetaahunii fi Kaasaahuun Kumsaa ta’uun eerameera.

Himatamtoonni kunneen aangoo seeraan alaa fayyadamuun yakkaa malaanmalummaa cimaan himatamaniiru.

Keessumaa himannaa kanaan himataamaa1ffaan miseensa dhaabbata Tikaaa Oromiyaa ta’uun akka hojjetu utuu beekamuu hojjettootaa Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Damee Baarneroo waliin ta’uun maqaa ‘Milkii Waldaa Dhuunfaa Itti Gaafatamummaan Isaa Murtaa’ee’ jedhuun sanada sobaa fayyadamuun herrega baankii banuun saamicha Birrii miiliyoona 12 fi kuma 843 fi 700 raawwachuun ibsameera.

Himanni biraan ogeessaa nageenyaa Oromiyaa kan turan Addisuu Angaasaa Dheerechaa qofarratti kan dhiyaate yoo ta’u, himatamaan kun eenyummaa isaa dhoksuun maqaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fayyadamuu fi obboleessaa isaaniiti jechuun sanada sobaa qopheessuun Magaalaa Burraayyuutii lafa invastimantii isiniif kennisiisa jechuun gowwoomsuun, abbaa qabeenyaa dhuunfaarraa Birri miiliyoona 2 fi kuma 60 dursee fudhachuun, yakka waliin dhahuu raawwachuun himanni irratti dhiyaateera.

Manni Murtichaa yaadaa abbaa alaangaa bu’uureffachuun Addisuu Angaasaa hidhaa cimaa waggaa 20 fi Birri kuma 200’n, Taaddalaa Angaasaa hidhaa cimaa waggaa 12 fi Birri kuma 20’n
Warquu Caalaa hidhaa cimaa waggaa 5 fi Birrii Kuma 10 fi himatamtoonni biroon hidhaa salphaa waggaa 1 fi baatii 2 fi Birrii kuma 3 hanga kuma 5 akka adabaman murteesseera.

Harka himatamtootaarratti kan argamus simmintoo kuntaalaa kuma 8 fi Birrii kuma 565 akka dhaalamu ajajeera.

Taarik Addunyaatu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.