Fana: At a Speed of Life!

Yuukireen NATOtti makamuu hin qabdu jechuun Ameerikaan mormite

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Tattaaffii biyyoonni miseensa NATO Yuukireen miseensa dhaabbatichaa akka taatuuf taasisaan Ameerikaan marmite.

Biyyoonni miseensa dhaabbatichaa Yuukreen miseensa NATO akka taatu barbaadan kallattii ifa jedhanii amanan akeekaa turaniiru.

Bulchiinsi Joo Baayidan biyyoonni miseensaafi deeggartoota dhaabbatichaa ta’an deeggarsa Keeyviiif dhiyeessan qofarratti akka xiyyeeffatan yaadachiisaniiru.

Kanumaan walqabatee Yuukireeniin NATOtti makuurra deeggarsa yeroo gabaabaa taasisuufiin kan barbaachisu ta’uu Ameerikaan ibsuu RTn gabaaseera.

Dhimmicharratti Jarmaniifi Hangaariin yaada Ameerikaan kan deeggaran yoo ta’u Poolaandiifi Biyyoonni Baaltik ammoo biyyoota Yuukireen akka dhaabbatichatti makamtu barbaadanidha jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.