Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan nageenyaa fi tasgabbii lammiilee mirkaneessuuf filannoowwan nageenya hunda fayyadamaa jira – TKM

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC) – Mootummaan nageenyaa fi tasgabbii lammiilee mirkaneessuuf waamichi qaamolee hidhannoon socho’aniif taasiisuu cimee Itti fufuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Iddoolee garee shanee harkaa bilisa ba’anitti tajaajiloonni karaa guutuu ta’een eegalamuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasan ibsa haala yeroorratti laataniin eeraniiru.

Waamicha nageenyaa taasiifame hordofee hidhattoonni garichaa karaa nagaan hidhannoo hiikkachuun leenjii haaromsaa fudhachaa jiraachuu eeraniiru.

Mootummaan filannoowwan nageenyaa hunda banaa taasisuun garicha waliin nageenya buusuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Waamichi kun ammas cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Mootummaan nageenyaa fi tasgabbii lammiilee mirkaneessuuf filannoowwan nageenya hunda fayyadamaa jiraachuu Ministir Deetaan Tajaajilichaa Salamaawiit Kaasan dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.