Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi Humna Addaa naannolee deebisaanii gurmeessuu naannolee hundatti hojjetamaa jira – TKM

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC) – Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala waqtaawaa ilaalchisuun ibsa laateera.

Adeemsi Humna Addaa naannolee deebisaanii gurmeessuu naannolee hundatti hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiiti Kaasaan ibsa laataniin himaniiru.

Hojiin humna addaa naannolee deebisuun gurmeessuu kun of eeggannoo fi xiyyeeffannoo addaan gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Caasaalee kanneen deebisanii gurmeessuun biyya birmadummaan ishee mirkanaa’e ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Adeemsa kana gufachiisuuf qaamolee olola sobaa tamsaasaa jiranirraa hawaasni of eeggachuu akka qabu himaniiru.

Hojiin kun rakkoo akka biyyaatti mudatee ture waaraan qolachuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Raayyaa cimaa fi waalta’aa ta’e ijaaruun barbaachisaa ta’ee argamuu isaan adeemsi humna addaa naannolee irra deebiin gurmeessuu naannolee hundatti bifa walfakkaatuun gaggeeffamaa jiraachuu kaasaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaa haalan gurmeessuun ajandaa biyyaalessaa ta’uu kaasaniiru.

Qorannoo gaggeeffamaa ture bu’uura godhachuun humnoonni addaa naannolee caasaalee garaagaraan irra deebiin akka gurmaa’an kallattiin kaa’amee hojiin eegalamuu dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.