Fana: At a Speed of Life!

Sochii geejjiba lafarraa gara Tigraayi eegalchiisuuf mari’atame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)-Sochii geejjibaa lafarraa gara Naannoo Tigiraayitti irra deebiin eegalchiisuuf hoggantoota bulchiinsaa yeroo naannichaa dhimmichi ilaallatu waliin mari’atameera.

Ministir Deetaawwan Ministeeraa Geejjibaa fi Loojistiksii obbo Bar’oo Hasanii fi Obbo Dheengee Boruu, geejjiba lafarraa gara Naannoo Tigraayiitti irraa deebiin eegalchiisuuf hoggantoota bulchiinsa yeroo naannichaa waliin mari’ataniiru.

Marichaan haala geejjibni lafarraa irraa deebiin eegaluu danda’u, dhaabbilee fi bu’uuraalee misoomaa geejjibaa sadarkaan irra jiru ilaalameera.

Fuuldurattis damee geejjibaa fi loojistiksii, hoggantoota bulchinsa yeroo naannichaa, Biiroo geejjibaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu biroo waliin ta’uun akka hojjetan ibsamuu ragaan ministeerichaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.